Lakkoofsi Muslimoota Rohingiyaa Miyanmaar irraa baqatanii 270,000 gahu ibsame.
- NuuralHudaa
- Sep 8, 2017
- 1 min read

Dhaabbata Mootummoota gamtoomanitti Ejensiin baqattootaa (UNHCR), torbaan lamaan dabran keessa qofa baqattoonni 270,000 ol Miyanmaar irraa Bangiladish seenuu gabaase.
Kaampiileen baqattootaa lama kan kutaa Bangiladish Kooksi Bazar jedhamtu keessatti argaman torbaan lamaan dura baqattota 34,000 qofa kan keessumeessanii turan yoo tahu; yeroo ammaa lakkoofsi baqattootaa dacha lamaa oliin dabaluu gabaafame.
Haaluma walfakkaatuun Kampiileen baqattoota Naannoo kibba baha Bangiladishitti argamaan humnaa ol guutuudhaan namoonni heddu iddoo itti qubsiifaman kan hin argatin tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Ejensiin godaantotaa (IOM) gama isaatiin akka jedhetti, irra caalan baqattoota Rohingiyaa Miyanmaar irraa baqatan bosanaa fi karaa dheera miilaan deemuun daangaa Bangiladish kan seenan yoo tahu, akkanuma ammoo namoonni lakkofsaan hedduu tahan galaana irraan kan dhufan tahu ibse.
_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comentários