Waldhabbiin Ameerikaa fi Turkiyaa jiddutti uumame hammaataa jira.
- NuuralHudaa
- Oct 9, 2017
- 1 min read
Imbaasiin Ameerikaa Turkiyaa keessa jiru guyyaa kaleessaa Viizaa namoota Turkiyaa irraa gara Ameerikaatti imalaniif kennuu kan dhaabe tahuu ibse. Kanuma hordofuun Imbaasiin Turkiyaa kan Ameerikaa keessatti argamus sa'aa tokko booda, namoota gara Turkiyaatti imalaaniif Visaa kennuu addaan kutuu ibse.

Imbaasiin Ameerikaa sababni tajaajila viizaa addaan kuteef, nageenya dipilomaatotaa fi qabeenya Ameerikaa Ankaraa keessa jiru qoratuuf jetti. Imbaasiin Turkiyaa kan Ameerikaa keessatti argamus tarkaanfii walfakkaatu fudhatuu isaa ibse.
Turkiyaan hojjataa Imbasii Ameerikaa tahe tokko, Garee Fatullah Gulaam kan fonqolcha bara darbe mootummaa Turkiyaa irratti godhuuf yale jechuun himatame waliin, qunnamtii qaba jechuun hiite. kanuma hordofuun yeroo ammaa waldhabbiin biyyoota lamaan jiddutti jabaataa dhufee jira.
Ameerikaan Hojjatan Imbaasii isii kan mootummaa Turkiyaatiin hidhame, seeraan ala jechuun ibsite. _

Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com NuuralHudaa - Android Apps on Google Play Soora Qalbii Muslimaa
Kommentit