Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, lakkoofsi Muslimoota Rohingiyaa, Miyanmaar irraa baqataa jiranii
- NuuralHudaa
- Oct 6, 2017
- 1 min read

Hoogganaan Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii ibsa guyyaa hardhaa Jenevaa irraa baaseen; Muslimoonni Rohingiyaa lakkoofsaan hedduu tahan torbee 6 keessaatti ajjeechaa fi dararaa waraana Mootummaa Miyaanmaarii fi hordoftoota amantaa Budihaa jalaa baqatuun Baangilaadish kan seenan yoo tahu, kun immoo lakkoofsi baqatoota addunyaa saffisaan akka dabalu godhee jira jedhe.
Haleellaa Waraanni Mootummaa Miyanmaar torbee 6 dura ganda Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwateen, namoonni 515,000 gara Baangilaadishitti baqataniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gocha waraanni mootummaa Miyanmaar raawwate kana, duguggaa sanyiiti jechuun kan balaalefate yoo tahu, mootummaan Miyanmaar immoo tarkaanfii Shororkeessitoota balleessuuf fudhatame jedhe.
Gareewwan mirga Namoomaa akka jedhanitti, waraanni mootummaa Miyanmaar fi dursitoonni amantaa Budihaa, gandoota 400 ol keessatti duula duguuggaa Sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti bananiiru. Barreessaan Walii galaa mirga Namoomaa dhabbata Mootummaa Gamtoomanii Mark Lowkock, gochi Muslimoota Rohingiyaa kan kaaba Rakhaayni irratti raawwatame, gocha fudhatama hin qabne jechuun balaleeffate. Lowkook ibsa jimaata hardhaa Jenevaa irraa midiyaalee kenneen "Hanga ammaatti namoonni baqataa jiru, Muslimoonni kuma dhibba oli ammoo hanga ammaatti achuma jiru; gara biraatti isaan qubsiisuuf qophii tahuu qabna" jedhe.
Mootummaan Miyanmaar muslimoota Rohingiyaatiif deeggarsi akka hin godhamne iddoowwaan heddutti daandiiwwan kan cufe yoo tahu, dhaabbiileen gargarsaa duraanuu achi turanii fi Waldaan Fannoo Dimaa idil Addunyaa damee Miyanmaar, deeggarsa godhaa kan jiran tahuu gabaasni Rooytersi irraa argame ni mul’isa.
Hoogganaan Ejensii godaantota Addunyaa(IOM) Jo'eel Miilmaan gama isaatiin, guyyaa irraa guyyatti yoo diqqaate Muslimoonni Rohingiyaa 2000 ol Baangilaadishitti kan baqatan tahu ibse. Gabaasni Ajjansii odeeyfannoo mootummaa Miyanmaar irraa guyyaa hardhaa bahe , muslimoonni Rohingiyaa laakkofsaan heddu tahan daangaa qaxxaamuruuf qophii tahuu isaanii mul’isa. _ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com NuuralHudaa - Android Apps on Google Play Soora Qalbii Muslimaa
Comments