top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Filannoo Jarmanitti gegeefameen Injifannoon gareen jibbiinsa muslimoota leellisu argate Muslimoota b

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 28, 2017
  • 1 min read

Filannoo Paarlaamaa Fedraalaa biyya Jarman kan Alhada dabre geggeeffameen, gareen jibbiinsa Muslimootaa fi baqaatootaa qabu kan “Alternative for Germany” (AfD) jedhamu, barcuma paarlaamaa biyyattii 709 kessaa 94 argachuudhaan partiilee gurguddoo kessaa sadaffaa ta’u danda’e.

Injifannoon paartii kana Muslimoota Jarman irratti jibbiinsaa fi darara hammeessutu sodaatama. Hoogannaan mana marii muslimoota Jarmanii Ayiman Mazyek akka jedhetti, “erga gareen AfD barcuma paarlaama hammana gayu hinjifatuun isaa mirkanayee asitti muslimoonni soda cimaa keessa jirra; AfD muslimoota irratti olola ofuudhaan Siyaasa jarman daranu jibbiinsaan summeysa” jechuun Anadoluu Niwuusitti hime.

Paartiin AfD yeroo duula nafiladhaa geggeessaa turetti Jarmanii “Islaamummaa” irraa ni bilisoomsina jechaa ture. Duula kanaan waalqabatee miidhaan muslimoota irraatti xiyyeeffate kan dabalaa dhufe tahuu gabaasni kun ni mul’isa. Jarman biyyoota Awurooppaa kan muslimoota hedduu qaban keessaa tokko yoo taatu, muslimoota miliyoon 4.7 qabdi.

Filannoo Alhadaa dabre geggeeffameen Chansilar Angeelaa Markeel yeroo afraffaaf filatamuun isii ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page