Biyya Jarmanii keessatti Paartiin farra-baqattootaa koonfaransii geggeessaa jiraatuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Apr 22, 2017
- 1 min read

Paartiin AfD jedhamu konfaransii guyyaa lamaaf turu magaalaa Kolony jedhamtu keessatti jalqabuu isaa Al Jaziiraan gabaase. Paartiin kun bara 2013 kan hundeeffame yoo ta’u, Muslimootaafi Baqattootaaf jibbaa hamaa qaba. Deeggartoonni Paartichaattis miseensota Naaziiti. Kaayoon Paartii kanaa, Masjiidota Cufsiisuufi Baqattoota Jarman irraa ari’uudha. Paartileen biroo kan Jarman keessatti argaman ammoo kaayyoo paartii kanaa balaaleffachuun, haaluma kamiinuu paartii kana wajjiin akka hin hojjanne ibsanii jiru.

Gama Birootiin jiraattonni magaalaa Kolonyii “Partiin Farra baqattootaa fi jibbiinsa islaamaa qabu kun gara magaalaa teenyaa dhufuu hin qabu, magaalaan teenya magaalaa walqixxummaa fi jaalalaati” jechuudhaan, Sabtii har’aa hiriira bahuuf akka qophaayan beekkameera. Hiriira namoonni 50,000 ol irratti ni argamu jedhamee tilmaamame kana irratti; kantiibaan magaalaa kolonyi paartiicha balaaleefachuudhaan haasawa godhuuf kan qophaaye tahuunis beekkameera.
Mormitootaa fi miseensota paartichaa jiddutti walitti bu’iinsi uumamuu sodaatanii, poolisoonni 5,000 ta’an of eegannoo ol’aanaa irra akka jiran gabaasni kun ni addeessa.

Comments