top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Intalti muslimaa Pirezedaantii Jarman harka fuudhuu didde.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 20, 2016
  • 1 min read


Pirezedaantii Jarman odoo mana baruumsa baqattootaa haala keessa jiran daawwannatti jiruu barattoota harka fuudhu jalqabe, Intala muslimaa bira geenyaan intalli tun harka fuudhu didde.


Barattoonni pirezedaanticha simtuuf alaabaa mana baruumsaa irratti hiriiran, eega nama hunda harka fuudhee booda intalli muslimaa harka fuudhuu diddee, namtichi kunis yeruma sanitti ishii irra darbee barattoota biraa harka fuudhe.


Sababa harka fuudhu diddeef wanti isiin dubbatte jiraatuu dhabus, dubartoonni muslimaa ajnabii harka fuudhuun dhoowwaa waan ta’eef isiinis harka fuudhuu diduun hin oolle.


Gochi akkasii ajnabii harka fuudhu diduun kun Jarman keessatti kan jalqabaatii miti, wagguma kana keessa biyyuma tana keessatti barataan dhiira tokko barsiistuu isaa harka fuudhuu didee, maliif akka harka fuudhu dide gaafatamnaan

"Ani barsiistuu tiyyaaf kabajaa dhabee odoo hin tahin amantaa kiyyatu na dhoorka "jechuun dubbate. Gochi mucaa kanaa barsiistuu tana mataa dhukkubsee ture.


Haluuma walfakkaatuun wagguma kana keessa biyya swizeerland keessaatti mucaan muslimaa wagga 15 tokko barsiistuu isa harka fuudhuu didee, bulchiinsi mana baruumsaalleen akka harka fuudhu dirqisiisee mana baruumsaa kana irra obboleessa waliin ari'amee ture.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page