Iiraan yaalii Misaayila Baalastikii godhuu beeksifte.
- NuuralHudaa
- Sep 23, 2017
- 1 min read

Iiraan yaalii Misaayila Baalastikii fageenya Kilomeetra 2,000 furguuggefamu godhuu isii beeksifte. Misaayila haaraya kana jum’aa kaleessaa agarsiisa humn waraanaa isii irratti ifa gootee kan turte yoo tahu, Misaayilli ammaa kun boombii adda addaa badhachuudhaan fageenya dheeraa kan furguuggefamu tahuu gabaasni royters irraa argame ni mul’isa.
Prezdantiin Ameerikaa Donald Tramp Khamiisa dabre, kora Mootummoota gamtoomanii irratti Iiraan Misaayila oomishaa akka jirtu ibsuudhaan, Ameerikaan tarkaanfii cimaa kan fudhattu tahuu beeksise.
Ameerikaa dabalatee biyyoonni jaha bara 2015 Iiran akka nuukleera hin oomishne waliigalteen godhamee ture, sirrii waan hinturiniif Ameerikaan walgaltee san keessa deebitee ni xinxalliti jechuun dhaadate.
Prezdantiin Iiran Hasan Ruhani gama isaatiin biyyi isaa humna ittisaa cimsuudhaaf hayyama eenyuutu kan hin eegne tahuu ibsuun, Iiran karoora Misaayilaa isii cimsuu kan itti fuftu tahu dubbate. Walgaltee bara 2015 godhame Ameerikaan yoo kan diigdu tahe, Iiran waligaltee biroo kan hin mallatteessine tahuu akeekkachiise.
Comments