Namoonni Jijjigaa irraa baqatuun Hammarreessa qubatan loltoota Agaaziitiin ajjeefaman.
- NuuralHudaa
- Sep 16, 2017
- 1 min read

Ganama hardhaa ummanni Jijjigaa irraa buqqa'uun Kaampii waraanaa Hammarreesaa qubate, waraanni makkalaakayaa nu eeguu hin qabu, poolisoonni naannoo Oromiyaa nu haa eegan jechuun komii kan kaase yoo tahu, loltoonni Agaazii baqattoota kana irratti Haleellaa raawwataniin namoonni 8 ajjeefamuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa

Haaluma walfakkaatuu magaalaa Bordoddeetti waraanni mootummaa ummata gargaarsa fuudhee baqattootaaf geessaa ture irratti dhukaasa banuun namoota sadi ajjeesuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Yeroo ammaa kana lakkoosi namoota naannoo soomaalee irraa buqqa’uun gara oromiyaa seenan kan dabalaa dhufe yoo tahu, hanga guyyaa hardhaatti lakkoofsi namoota baqatanii 55,000 akka gaye mootummaan nannoo Oromiyaa beeksise.
Weerara Liyyuu poolisii naannoo soomaleetiin walqabatee bara dabree irraa jalqabee hanga ammaatti, namootin 470,000 ol qeyee isaanii irraa kan buqqa’an tahuu, Ibsi Biiroo Dhiimmoota Komunikeeshiinii mootummaa Naannoo Oromiyaa irra bahe ni mul'isa.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments