top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Maaleezhiyaa keessatti balaa ibiddaa mana barnoota hifzii Qur’aanaa tokko muudaten namoonni 25 du’an

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 14, 2017
  • 1 min read

Maaleezhiyaa magaalaa Kuwalalampuur keessatti balaa ibiddaa mana barnoota hifzii qur’aana keessatti uumameen barattoonni 23 fi barsiisonni lama lubbuun dabruu Aljaziiraan gabaase. Manni barnootaa “Daarul Qur’an Ittifaqiyah” jedhamu kun kan ijoolleen dhiiraa keessa jiraatan yoo tahu, Roobii halkan gama bariitti balaa kun akka dhaqqabe dhaabbanni ittisa balaa ibiddaa biyyattii beeksise.

Namoonni torba ammoo madayuun gara hospitaalaa kan geeffaman tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Daayirektarri ittisa balaa biyyattii Mr Kheyruddiin Dirrahman” balaan akkanaa waggaa 20 keessatti kan jalqabaati, yeroo tokkoon balaa ibiddaatiin namoonni hamma kanaa du’uun nama gaddisiisa. Ka’umsa balaa kanaa qorataa jirra” jedhe.

Umriin barattoota kanniin 5 hanga 18 yoo tahu, Maleezhiyaa keessatti manneen barnoota hifzii qur’aanaa 519 ol kan argaman tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page