Manni Murtii Federaala Ameerikaa Seera Prezdant Tramp baqattoota ugguruuf baase hamma tokko laaffise
- NuuralHudaa
- Sep 8, 2017
- 1 min read

Prezdant Traamp yeroo duula na filadhaa geggeessaa ture, baqattoonni biyyoota muslimaa irraa dhufan Ameerikaa akka hin seenne ni uggura jechuun dhaadataa turuun ni yaadatama, Erga aangoo qabatee as ammoo ajaja muslimoota ugguruu kana yeroo lama labse. Akkasumas seerri dhimma kana waliin walqabatu heddu hujii irra akka oolu yaalaa ture.
Seera inni baase kanas yeroo adda addaatti manneen murtii kuffisaa kan turan yoo tahu, dhuma irratti manni murtii ol'aanaa seera isaa kana irraa haga tokko kuffisuun, baqattoonni Ameerikaa irraa maatii qabanii fi sabaaba barumsaaf gara biyyattii seenuu barbaadan akka seenan hayyamame. Haaluma walfakkaatuun Khamiisa kaleessaa ammoo manni murtii Federaalaa Niiwyoork, baqattoonni ejensiiwwan adda addaatiin akka Ameerikaa seenan gaffatan seenuu akka danda'an kan murtesse ta’uu gabaasni arganne ni mul’isa.
Comments