Addunyaan Dhimma Traamp irratti qoqqoodamtee jirti.
- Odeeyfannoo
- Nov 9, 2016
- 1 min read

Odeeyfannoon biyyoota garagaraa irraa bahaa jiru bifa lama qabaatee dhufutti jira. Biyyoonni amma dura michuu Ameerikaa turan filatamuu Traampii hordofee cinqaa guddaa keessa seenanii jiran. Itti aanaan Prezdaantii biyya Jarman “Filatamuun Traamp of eeggannoon akka dhaabbannuufii karoora siyaasaa keenya akka jijjiirru nu godha” jedhe. Muummichi Ministeera biyya Iswiidin kan duraanii ammoo “Barri 2016 warra lixaatiif yeroo cinqaa lamaa ta’ee darbuuf deema” jedhe. Ministeerri biyya alaa kan Arjantiinaa ammoo “ Moohachuun Traamp walitti dhiheenya biyyoota keenya lamaan jiddutti uumamaa jiru diiguu danda’a. Adeemsi isaa sanyummaafii jibbaa irratti kan hundaa’e waan ta’eef nu yaaddessa” jedhe. Ministeerri Odeeyfannoo kan Itiyoophiyaa, Dr Nagarii Leencootis, filatamuun Traamp Itiyoophiyaafis, Afriikaafis gaarii miti” jedhe.
Gama biraatiin biyyoonni Ameerikaa waliin duraan Rakkoo qaban Filatamuun Traampitti waan gammadan fakkaatu. Preezidaantiin Raashiyaa, Vlaadmeer Putin, “Baga gammadde, walitti dhufeenya keenya tolchuudhaaf waliin hojjanna jedhe. Michuu Raashiyaa kan taate Chaayinaanis dhaamsa wal fakkaataa dabarsite.
Dabalataan Warroonni Awurooppaa keessaa kan far right groups jedhaman, Traamp Moohachuu isaatiin baay’ee gammadanii jiran. Gareen kun Islaamummaa irraa jibbaa qaba. Akkasumas Awurooppaa baqattoota biyya alaa irraa qulqulleessuu qabna jedhanii warroota socho’aa turan. "Kaayyoon Traampis isuma kanaan wal fakkaata. Kanaaf Moohachuu isaatiin nutis biyya keenya keessatti tarkaanfii akka isaa akka fudhannu nu gargaara" jedhan.
Biyyoonni Ameerikatti irkatanii jiraatan, kan akka Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa ammoo, namni fedhes haa dhufuu, Ameerikaa waliin jabaannee hojjanna jedhan. Keessattu, Dhimma Niwuuklara Kooriyaa kaabaatiin walqabatee Ameerikaa wajjiin hojjanna jedhan.
Comentarios