Tiraamp Gorsaa isaa hojii irraa ari'e.
- NuuralHudaa
- Aug 18, 2017
- 1 min read

Yeroo duula filannoo Traamp geggeessaa ture irraa kaasee hanga ammaatti tarsiimoo baasuuf gorsaa waayit haawus tahuun kan tajajilaa ture Isteev Banon, guyyaa hardhaa hojii irraa ari'amuun gabaafame. Isteev Banon nama ol'aantummaa ummata adii leellisuun beekamu yoo tahu, seera lammiiwwan biyyoota muslimaa torba irraa akka Ameerikaa hin seenne ugguru dabalaatee tarsiimoowwan falmisiisoo tahan qopheessuu keessatti nama shora gudda baha tureedha.
Jeequmsa torbee darbe keessa gareen ol'antummaa warra adii leellisan kutaa Verjiniyaatti kaasaniin walqabatee, Pirezdantichi qondaaltota paartilee Ripablikaanaa fi dimokratotaatiin qeqamaa jira.
Jeequmsa leellistoonni ol'aantummaa warra Adii kaasan kanaan dubartiin takka erga ajjeefamteen booda, Tiraamp garee kana osoo ifatti hin balaaleffatin turuun isaa niyaadatama.
Miseensoonni mana maree dimokraatotaa irra caalaan Tiraamp aangoo gad lakkisuu akka qabu gaafata jiratuu isaanii odeeyfannoon ni addeessa.
____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments