top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Filannoo Ameerikaatti Godhameen Traamp Moohate

  • Odeeyfannoo
  • Nov 9, 2016
  • 1 min read

Filannoon Ameerikaa namoota heddu cinqee jira. Eega guyyaa Donaald Traamp bakka bu’aa Rippablikaanaa ta’ee as, namootni heddu filannoo Ameerikaa kana xiyyeeffannaan akka eegan godhee jira. Sababni guddaan ammoo karoora Traamp qabatee deemaa jirutu namoota hedduuf gaaffii ta’e. Keessattuu namoonni biyyoota biraa irraa gara Ameerikaa godaanaan dhiphina guddaa keessa turan. Donaald Traampis irra deddeebi’uudhaan, “baqattoonni biyyoota Ameerikaa Kibbaa irraa dhufan, akkasumas ummanni gurraacha Ameerikaa keessa jiranii fi Muslimoonni Rakkoo Ameerikaa ta’anii jiran” jedhaa haasawaa ture.

Kanaaf namoota Rakkoo ummatatti ta’aa jiran kanatti furmaata godha, Muslimoonni waraqaa eenyummaa addaa qabatanii akka deeman taasisa jedhaa jibba Islaamummaa irraa qabu ibsaa ture. Dhiheenya kanas bakka baqattoonni heddu itti argaman kan taate, Magaalaa Mineesotaa dhaquudhaan, ummatni Mineesotaa sababa ummata Sumaaleetiin rakkoo hamaa keessa seenee jira jedhee, ummata Somaaliyaatis arrabsaa ture. Tana dura ummata Meeksikoo fi Laatinoo ta’an irrattis jechoota hamaa dubbataa ture. Haala kanaan Namichi Ummata Muslimaa, Afriikaa fi Laatinoof jibba qabu kanatu, filannoo guyyaa kaleessaa halkan jalqabe irratti Moohachuu danda’ee jira.

Sagalee argachuu qabu 270 keessaa 274 argachuudhaan kan moohate yoo ta’u, Isatti dhihaachuun kan isa morkataa turte, bakka buutuun Paartii Dimookraatii, Hilaarii Kiliintan ammoo sagalee 218 qofa waan argatteef, carraa gara White house galuudhaa osoo hin argatin haftee jirta. Haga ammaa sagaleen hin lakkaawamne jiraatus, sagaleen kun yoo Hilaariidhaa dabalames carraa Traampitti dhihaatuudhaa hin qabaattu. Kaayyoo Make Amerika Great Again jedhu qabatee kan socho’aa jiru Traamp ammoo Preezidaantii Ameerikaa 45 ffaa ta’ee filamee jira.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page