top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Bubbeen “Hurricain Irma” jedhamu Kutaa Flooridaa rukutuu jalqabe.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 10, 2017
  • 1 min read

Bubbeen Hurricain Irma jedhamu kutaa Ameerikaa kan gama kibbaatti argamtu Flooridaa ganama hardhaa kan rukute tahuu Ajansiin qorannoo haala qilleensa biyyattii beeksise. Bubbeen cimaan kilomeetra 130 saa’a tokkotti bubbisu kun naannawa adda addatti humna electrikaatii fi buu’uuraalee misooma heddu barbadeesse. Qondaaltonni Flooridaa bubbeen cimaan roobaan makaa kun , qabenyaa fi lubbuu namaa irratti balaa dhaqqabsiisu danda’a sodaa jedhu qabu.

Hanga ammaatti namoonni 50,000 ol qeyee isaanii irraa buqqa’uun wiirtuulee 260 keessatti kan qubatan tahuun beekameera.

Akka gabaasni CNN mul’isutti bubbeen roobaan makaa kun saffisaan gara kutaalee Kaabaa fi jiddu gala Ameerikaatti dhufaa jira. Hanga ammaatti bubbeen Harricain Irma jedhamu kun oddoola Kaaribiyaan hedduu kan barbadeesse tahuu gabaafame.

Torbaan lamaan duraa hobomboleettiin Hurricain Harvey jedhamu Ameerikaa kutaa Teeksaas rukutuun qabeenyaa fi lubbuu namaa hedduu galaafatuu isaa niyaadatama.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page