Rooba Bubbeen makaa Ameerikaa Kutaa Teksaas keessatti Rooba jiruun, namoonni 30,000 ol qe'ee isa
- NuuralHudaa
- Aug 28, 2017
- 1 min read

Teksaas Kutaa Ameerikaa kibba biyyattiitti argamtuufi tan Meksiikoon daangeffamtu yoo taatu, guyyaa sadihiin dura Obomboleetti Cimaa Hurricane Harvey jedhamee moggaafameen dhayamte. Harrikeen moggaasa Obomboleetti sadarkaa ol’aanaa yoo ta’u, Harvey’n waggaa 13 keessatti Harikeen Kaatiriinatti aanee, Obonboleetti garmalee hamaa USA rukute jedhameera.
Godinaalee kutaa Teksaas hedduu keessatti, Obonboleeytiin galaana irraa ka’e kun rooba cimaa hordofsiiseen, manneen jireenyaa, Daandiilee gurguddaa, Riqichaa fi dhaabbatalee anniisaa irratti miidhaa cimaa dhaqabsiise.
Daayirekterri Ajansii too'annaa balaa Federaala Ameerikaa kan tahe Brock Long ibsa wixata hardhaa midiyaaleef kenne irratti "Rooba guddaa guyyoota 3'n darban kana keessa Roobe qofaan, godinaleen 50 kan kutaa Teksaas keessa jiran balaa lolaatiif Saaxilamaniiru; Muudannoo akkasii kana argineetuu hin beeknu ni uumama jennees yaadnee hin beeknu" jedhe.

Bulchaan Kutaa Teksaas Greg Abbott ; Iddoowwan balaa lolaaf saaxilamanitti miseensoonni Raayyaa ittisa 1000 ganama hardhaa ergamaniiru; walumaagalatti miseensota rayyaa ittisaa 3000 gamasitti kan bobba'an tahuu dubbate.
Hanga ammaatti balaa kanaan namoonni 5 akka du’aniifi fi magaalaa guddoo Teksaas kan taate Hiwusten irraa qofa, saa'aa 48 keessatti waamichi bilbilaa 6000 ol nuuf birmadhaaf gara Ajansii ittisa balaa bilbilamuu odeeyfannoon Aljaaziiraa irra argame ni mul'isa.
Namoonni balaa kanaaf Saxxilaman 450,000 tahan deggarsi akka godhamuuf kan gaafataa jiran yoo tahuu guyyoota dhufan keessatti lakkofsi kun ni dabala sodaan jedhu cimeera.

______ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments