top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Balaa Sigiga lafaa Kolombiyatti  uumameen lubbuun namoota 250 baduu gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 2, 2017
  • 1 min read


Rooba guddaa Magaalaa Moko'aa kan kibba dhiha Kolombiyaatti argamtutti Roobeen lafti sigigaatuun lubbuun nama 254 ol baduu fi namootni hedduun dhabamuu odeeffannoon ni addeessa.


Sababa rooba guddaa halkan keessa Roobeen laggeen guutamuu irraa kan ka’e yeroo namoonni rafaa jiranitti lolaan mana itti cabsee seenuun balaa guddaa dhaqqabsiisuu waraanni biyyattii ibsee jira. Namoota miidhaman jidduu hedduun isaanii lubbuu isaanii baraaruuf yeroo kan hin argatin tahuus dubbatan.


Pirezedaantiin Kolombiyaa Juan Manuel

"Namoota lubbuun hafan baraaruuf deeggarsi hatattamaa godhamaa jira, Balaa uumame kanaanis gaddi guddaan nutti dhaga'amee jira " jedha.


Namoonni 220 tilmaamaman kan dhabamani fi 400 ol immoo miidhaan guddaan kan irra gahe ta’uu dhaabbanni Fannoo Diimaa irraa argame ni addeessa.


Bulchiinsi kutaa Putumaayoo Sorrel Aroca

"Hedduu nama gaddisiisa qabeenya heddutu barbaada'e, hanga ammaatti namoonni hedduun argamuu hin dandeenye'' jechuun midiyaaf hime.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page