top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Balaa Sigiga lafaa Seeraaliyoonitti dheengadda muudateen namoonni 600 ol achi buteen dhabamuu gabaaf

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 16, 2017
  • 1 min read

Balaa Sigiga lafaa Magaalaa guddoo Seraaliyoon kan taate Friitawun keessaatti Isniina/Wixata dabre muudateen, namoonni 400 kan du’aniifi namoonni 600 ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu pirazidantiin biyyatti BBC’tti hime. Pirezadantiin Seraaliyoon Ernest Koroma akka jedhetti: “Hawaasni naannoo balaan kun dhaqqabe keessa jiraataa ture guutumaan guututti buqqa’ee jira. Balaan kun baay’ee guddaa waan ta’eef gargaarsa hawaasa addunyaa hatattamaan nu barbaachisa” jedhe.

Dhaabbatni Fannoo Diimaa Addunyaa gama isaatiin, kana booda carraan namoota lubbuun baraaruu waan dhumate fakkaata; kanaafuu guyyoota dhufan keessatti lakkoosi namoota du’anii ni dabala jechuun beeksise.

Qondaala dhaabbatichaa kan ta’e Abubakar Tarawellii, ammas lolaan muudachuu mala sodaan jedhuu fi dhibeen daddarbaan hanqina bishaan qulqulluu waliin ni ka’a soda jedhu kan qabu ta’uu ibse.

Hojjattoonni gargaarsa hawaasummaa gama isaaniitii akka jedhanitti, balaan Magaalaa Friitawun keessatti dhaqqabe kun heddu kan hawaasicha miidhe jedhu.

Dubartiin balaa kana jalaa baraaramte takka, Abbaan warraa tiifi ilmaan isii hundi kan du’an ta’uu himte.

Magaalaan Friitaawun qarqara galaanaatti kan argamti; balaa lolaatiin yeroo heddu kan miidhamte yoo ta’es, kan ammaa kun asiin dura waan hin mul’atin ta’uun beekameera.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page