Balaa Sigiga lafaa Seeraaliyoonitti Mudateen, Namoonni 179 ol du'an
- NuuralHudaa
- Aug 14, 2017
- 1 min read

Balaa sigiga lafaa magaalaa gudditti Seraaliyoon, Firii Tawuun keessatti muudateen lubbuun namoota 179 ol dabruu dhaabbanni fannoo diimaa beeksise. Balaan kun Rooba guddaa guyyaa hardhaa Roobe hordofuun kan uumame tahuus odeeyfannoon kun ni addeessa. Balaan kun halkan yeroo ummanni hirriba irra turetti kan muudate akka ta'e gabaasni BBC irra argame ni mul'isa. Itti aanaan Pirezdantii Seraaliyoon Viktoor Bokaree, namoonni dhibbaa ol balaa kanaan du'uu fi lakkoofsi namoota miidhamanii dabalaa jiraatuu ibse.
Dubbii himaan Dhaabbata Fannoo Dimkaa Abubakar Tarawallee reffi namoota 179 Wiirtuu Morgu kan magaalaa Firiitaawonitti geeffamu rooyteersiif hime.
Qondaala to'annaa balaa kan ta'e Kandii Rojer gama isaatiin sababaa balaa sigiga lafaa kanaan, namoonni 2,000 ol mana isaanii dhabuu AFPti hime. Balaa kanaan namoonni hedduun maatii isaanii hanga ammatti argatu kan hin danda'in tahuu gabaafameera.
____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Комментарии