top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Eddoolli Kaaribiyaan  Bubbee hamaan dhahamte.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 6, 2017
  • 1 min read

Bubbeen Irmaa jedhamu kun Har’a Eddoola Faransaay kan naannaawa Kaaribiyaatti argamutti gamoowwan heddu barbadeesse.

Ministeerri haajaa biyya keessaa Faransaay, Jeeraard Kolomb akka jedhetti "Balaa bubbee kanaan gamoowwan jajjaboon Afur kan Magaalaa Saint Maartiinitti argaman barbadaawaniiru, balaan walfakkaatu Eddooluma tana kutaa Nezerlaand kessaattis Mudateera "jedhe.

Bubbeen cimaan kun gara sadarkaa obomboleetti kan guddate yoo tahu, saa'aa 1 keessatti kiilomeetira 295 deema. obomboleettiin kun Kaaribiyaan irra bubbisaa amma Ameerikaa kibbaatti dhihaachutti jira,

obomboleettiin Harvey kan dhihoo kana kutaa Teksaas dhahe nama kuma dhibba hedduu baqachiisuun, nama 30 ol ajjeesee qabeenya guddaas barbadeessuun ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page