top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Masjiidonni Magaalaa Hiwustan keessatti argaman namoota balaa lolaatiin miidhaman simatanii gargaara

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 29, 2017
  • 1 min read

Masjiidonnii fi wiirtuuleen hawaasa muslimaa Ameerikaa kutaa Teksaas magaalaa Hiwuustan keessatti argaman, namoota balaa Obomboleetti Harikeen Harveetiin qeyee isaanii irraa buqqa’an simatanii gargaaraa jiratuu gaazexaan Indipendant gabaase.

Gama biraatiin ammoo Bataskaanni “Lakewood church” jedhamu kan Kutaa Teksaas magaalaa Hiwustan keessatti argamu, yeroo tokkotti namoota 16,000 keessummeessuu kan danda’u yoo ta'u, namoota balaa lolaa obomboleetti Harikeen Harveetiin uumameen mana isaanii irraa baqatan keessumeessuu diduun, komii cimaa akka kaase gabaasni kun addeesse.

Itti gaafatamaan bataskaana kanaa Paastar Joel Osteen Fuula Fesbuukii isaa irratti “ sababa lolaatiin bataskaanni keenya waan cufameef, namoota bakkuma jiranitti akka nagaya ta’an isaanii hawwina”

jedhe.

Yeroo masjiidonnii fi wirtuuleen hawaasa muslimaa namoota rakkatan gargaaraa jiran kanatti, Bataskaanni qabeenyaa fi dandeetti guddaa qabu kun, hawaasa rakkoo cimaa keessa jiru haala akkanaatiin balbala itti cufachuun, namoota heedduu kan dallansiise ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.

Namoonni gara miidiyaa hawaasaa Twiitariitiin “ gara bataskaan Joel osteen deemtanii yoo cufaa ta’e, hin yaaddayinaa. Masjiidni hawaasa muslima Hiwustan nama hundaa simachuuf banamee isin eegaa jira” jechuun kan walwaamaa jiran ta’uus gabaasni kun ni mul'isa. Obmboleettii Harikeen Harvee jedhamu kana hordofuun lolaa Rooba cimaa uumameen, hanga ammaatti namootni 12 akka du’aniifi namoonni kuma dhibbaan lakkaawaman ammoo qeyee isaanii irraa kan buqqa’aniiru.

___ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page