Lagni Awaash guutuun gandoota hedduu irra garagale.
- NuuralHudaa
- Sep 14, 2017
- 1 min read

Rooba cimaa biyyattii keessatti roobaa jiruun, lagni Awaash gar malee guutee gandoota 12 irra garagale. Ummanni gandoota kanneen keessa jiraatan, abbootiin warraa 274 yookaan ammoo namootni 3662 ta’an qeyee isaanii irraa buqqa’anii jiru. Namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’anis iddoo biraatti kan qubsiifaman ta’u mootummaan naannoo Oromiyaa beeksise.
Gandootni kunniin kan argaman godinaalee Shawaa Bahaa fi Shawaa kibba Bahaa keessatti akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa. Haaluma walfakkaatuun magaalaan Sabbataatis bala lolaa guutinsa laga awaashiitiin walqabatee soda cimaa keessa jirti. Kutaalee magaalattii tokko tokko irraa namoonni manneen isaanii lakikisanii bayaa kan jiran tahuu maddeen gabaasaniiru.
Hanga ammaatti gandoota lagni Awaash keessa qaxxaamuru keessatti loonii hedduun akka du’anii fi midhaan heektara hedduu irratti facaafame lolaan kan liqimfame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments