Prezdantiin Gamtaa Ulamaa'ota Addunyaa Galmee Namoota yakkaan barbaadamanii irraa haqame.
- NuuralHudaa
- Sep 10, 2017
- 1 min read

Dhaabbanni gamtaa poolisoota addunyaa (Interpool), prezdaantii Gamtaa Ulamaa'ota Addunyaa Profeesar Yusuuf Al Qardaawii galmee namoota yakkaan barbaadamanii irraa kan haqe tahuu, Dhaabbani Mirga Namummaa Arabaa (Arab Organization for Human Right ) guyyaa har’aa ibse.
Mootummaan Masriin amma bulchaa jiru bara 2013 yeroo Prezdaant Muhammad Mursii aangoo irraa humna waraanaatiin fonqolchetti namoota ajjeefamaniif, Pirofessar Yusuuf Al Qardawii itti gaafatamaa godhee yakkuudhaan akka qabamu gaafatee ture.
Haa tahuu malee guyyaa har’aa Dhaabbani Mirga Namummaa Arabaa (Arab Organization for Human Right) ibsa baaseen, Ejansin Pooliisa Addunyaa ( Interpol), Profeesar Yusuuf yeroo sanitti kan Misra keessa hin jirre tahuu mirkaneeffadhee jira jechuun, galmee yaakkamtootaa irraa kan haqe tahuu labsuu isaa ibse.
Comments