Israa’eel, Emireetsii fi Masr, Gaazaa irratti Bulchiinsa haarawa muuduuf karoorfatuun isaanii gabaaf
- NuuralHudaa
- Jun 29, 2017
- 1 min read

Isra’eel, UAE fi Misraan Muhammad Dahlan nama jedhamu kan miseensa hooggansa dhaaba Fatah turee fi yeroo ammaa koolugaltummaan UAE keessa jiraatu, bulchaa Gazaa godhuun muuduudhaaf kan karoorfatan tahuu gaazexaan Isra’eel Hareetz jedhamu waabefachuun Aljaziiraan gabaaseera.
Kaayyoon guddaan shira kanaatis, gahee Tarkii fi Qaxar Gazaa irratti qaban dhabamsiisuu fi akkasuma Bulchaa Falasxiin Mahmuud Abbaas aangoo irraa kasuun Muhammad Dahlan hoogganaa dhaaba Fatah godhuuf akka ta’e gaazexaan kun gabaase jira. Karoorri kun kan milkaayu yoo ta’e Warraaqsa Haamaas kan kutaa Gaazaa keessatti deemaa jiru kan dhabamsiisu jedhameera. Akka karoora kanaatiin Misraan immoo daangaa Rafaah kan Gaazaan walqunnamsiisu UAEf banuun, buufata Humna Elektirkii dangaa Isiitti kan ijaartu tahuu ibsameera.
Muummichi Ministeera Isra’eel Beenjamiin Nataniyaahuu karoora kana dhugoomsuuf mootummaan Isra’eel waan irraa eegamu mara godhuuf qophiidha jedha.
_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments