top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Masri magaalaa Aleksaandariyaa keessatti balaa Baaburatiin namoonni 49 ol du’uun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 12, 2017
  • 1 min read

Guyyaa kaleessa biyya Masri magaalaa Aleksaandariyaa keessatti Baaburri lama walitti bu’uun, lubbuun namoota 49 ol dabruu Televiziyoona biyyattii waabefachuun Anaadooluu niiwus gabaaseera.

Balaan kun kan dhaqqaabe magaalaa qarqara galaana meeditiraaniyaanitti argamtu Aleeksaandariyaa seensa irratti iddoo Khorshiod jedhamutti. Balaa kanaan namoota du’aniin alattis namoonni 133 ta’an miidhamanii gara hospitaalaa kan geeffaman ta’uu qondaaltonni Fayyaa naannichaa himaniiru.

Masri keessatti waggoota muraasaa asitti balaan Baaburaa irra deddeebi’ee kan dhaqqabe yoo ta’u, sababni kanaas dolloomuu misoomaa bu’uuraa tii fi dhabamiinsa bulchiinsa gaarii wajjiin kan walqabatu akka ta’e, qeeqxonni kan dubbatan tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page