Hoogganaan paartii mormituu Keeniyaa, guyyaa filaannoon akka itti geggeefamu murteeffame hin fudhadh
- NuuralHudaa
- Sep 5, 2017
- 1 min read
Guyyaa kaleessaa Komishiiniin filaannoo Keeniyaa, Filaannoon Prezidantummaa irra deebiin Onkololeessa 17/2017 kan geggeeffamu tahuu ibsa baasee ture. Hoogganaan Paartii mormituu Raayilaa Odiingaa gama isaatiin guyyaa akka Filaannoon geggeefamu labsame kana kan hin fudhanne tahuu ibse.
Raayilaan akka jedhetti
"Akka seeraatti Koomishiiniin Filannoo guyyaa filaannoon godhamuu qabu, paartiilee dorgoman waliin mari'atuu qaba; haa tahuu malee Komishiinichi osoo nu walin hin mari'atin murteesse. kun immoo seera biyyattii tufachuudha. kanaafuu gonkumaa hin fudhannu; wanti sirraayuu qabu hundi hanga hin sirrayinitti filaannoon geggeefamu hin jiru" jedhe.
Akkasumas Raayilaan, Miseensonni boordii filannoo kanneen hagayya 8 irratti yakka hojjatan akka seeraan gaafatamanii fi namoonni 6 kan yakka hojjatan jedhamanis ammas filannoo marsaa lammaaffaa kanarratti akka hin hirmaanne gaafate.

Comments