Hogganaan paartii mormituu Keeniyaa Qabxii Filaannoo kan hin fudhanne ta’u ibse.
- NuuralHudaa
- Aug 9, 2017
- 1 min read

Filaannoon pirezadaantii Keeniyaa yeroo 5ffaaf geggeeffame jira. Ummanni Keeniyaatis pirezadaantii naaf taha jedhe filatuuf kaleessa barraaqa gara buufata Filaannoo deemuun sagalee keennaa kan oole yoo ta’u, kaleessa galgala irraa jalqabee qabxiin sagalee ummataa lakkayamaa jira. Sagalee hanga ammaatti lakkaayameen pirezadant Uhuruun kan amma biyya bulchaa jiru 54%n kan dursaa jiru yoo tahu, kaadhimamaan paartii mormituu Rayilaa Odingaa immoo 44℅ argatuu isaa gabaasni Komishiina Filannoo biyyattii irraa bahe ni mul’isa.
Haata’u malee hoagganaan paartii mormitu Rayilaa Odingaa "Filannoon hatamee jira, qabxiin komishiinni Filaannoo biyyoolessaa irraa bahaa jiru, kan seeraan alaati, kan dharaa fi kan nama saalfachiisu jedhe”.
Komishinni Filannoo biyyaalessa Keeniyaatis gama isaatiin, paartiin mormituu hanga qabxiin guututti lakkaayamuuf akka obsu qabaniifi, iddoo sagaleen itti hatame jedhames kan qoratu tahuu ibse.

Eega hoggansi Partii mormituu sagaleen hatamu fi kan hin fudhanne tahuu miidiyaalee ibse booda, iddoo adda addaatti deggartoonni paartii mormituu, mormii kan kaasanii fi poolisootan kan walitti bu’an ta’uu gabaasni Rooytersi irraa argame ni addeessa.
Akka gabaasa Rooytersiitti; magaalaa Kisuumuu kan dhiha Keeniyaatti argamtuutti deggartoota Raayila Odingaa fi poolisoota jidduutti waldhabbiin cimaan kan kahe akkasumas magaalaa Naayiroobii naannawa Madaaree jedhamuutti ummanni bahe mormii godhaa jiraatu mul’isa.
Jeequmsa Filaannoo marsaa 3ffaa 2007 geggeeffame ture irratti kahen lammiilee Keeniyaa 1,100 oli kan ajjeefamaniiru, akkasumas lammiilee 600,000 oli qe’e isaanii irra buqa'u ni yaadatama.

____
Application NuuralHudaa download godhuuf
Android https://goo.gl/Ieo7dv
iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
https://twitter.com/NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com
Comments