Lammiileen Chichiniyaa miliyoona tokko ol tahan duguggaa Sanyii muslimoota Rohingaa irratti raawwata
- NuuralHudaa
- Sep 4, 2017
- 1 min read

Guyyaa hardhaa magaalaa guddoo Chichiniyaa Groznii keessatti, ummanni miliyoona tokko ol, ajjeechaa fi dararaa waraanni mootummaa Miyanmaar muslimoota Rohingaa irratti raawwata jiru mormuun hiriira bahaniiru.
Hiriira kana irratti barreeffamoota dhaadannoo adda addaa qabu kan qabatan yoo tahu, dhaadannoowwan isaanii keessaa: Duguuggaan Sanyii Miyanmaaritti raawwatamaa jiru haa dhabatu!, Duguggaan Sanyii Muslimoota Rohingaa irratti raawwatamu haa dhabatu, Muslimoota Miyanmar ajjeesuun haa dhaabbatu kan jedhan tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.
Hiriira kana irratti lammiileen Raashiyaatis gara magaalaa guddoo Chichiniyaa dhaquun kan hirmatan tahuu gabaafameera. Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaatis, duguuggaa sanyii muslimoota Rohiingaa irratti raawwatamaa jiru mormuun, magaalaa guddoo Raashiyaa kantaate Moskoo keessatti hiriirri kan godhame tahuun gabaafame.

Comments