top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ityoophiyaa naannoo adda addaa keessatti Robaa gannaatiin walqabatee Daandiileen cituun ibsame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 3, 2017
  • 1 min read

Godina baalee magaalaa Roobeetti Khamisaa dabree rooba cimaa roobeen daandii fi manneen jireenyaa irratti midhaa dhaqabuu odeeffannoon argame ni addeessa. Daandiin magaalaa Roobee irra gara magaalaa Gooroo geessu cituudhaan, tajaajjilli geejjibaa addaan cituu gabaasni gamasirraa nudhaqqabe ni mul’isa.

Daandiileen magalaa keessaatis sadarkaan isaanii gadi bu’aa fi bo’iin lolaa kan seeraan hin qophaayin waan ta’eef, lolaa uumameen mana jireenya hedduu miidhuun gabaafameera.

Bulchiinsi magaalattii misooma bu’uuraa kan akka daandii, bo’oo lolaan keessa ya’uuf hin dhimmamu jechuun jiraattonni kan komatan tahuu gabaasni kun nimul’isa.

Haaluma walfakkaatuun daandiin guddaan magaalaa Roobee irraa gara Dalloomannaatti geessu, rooba gannaatiin cituudhaan hawaasni naannichaa rakkataa jirachuun himame. Sababa rakkina daandiitiin magaalaa Roobee irraa gara Dalloomannaa imaluuf hanga guyyaa 5 kan fudhatu tahuun maddeen naannawa irra gabaasaaniiru.

Godinni Baalee qabeenya uumamaatiifi oomishaa adda addaatiin badhaatuu yoo taatus, bu’uurri misoomaa sochii diinagdee godinichaa waliin wal madaalu kan hinjirre tahuus ibsameera.

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page