Mormiin lagannaa gabaa fi manaa bahuu diduu kan guyyaa 5f labsame har'as guyyaa 3ffaaf geggeeffa
- NuuralHudaa
- Aug 25, 2017
- 1 min read

dukkaanonni magaalota Oromiyaa hedduu keessa jiran cufamaniiru. Sochiin geejjiibaatis iddoo heddutti geggeefamaa hin jiru. Qaamoonni mootummaa manneen ummataa irra deemuun akka banan kan gaafataa jiranii fi magaaloota tokko tokko keessatti immoo humnaan bansiisuuf yaalaa jiraatuun beekameera.

Magaalaa Daambii Doollootti guyyaa 3f sochiin daldalaa tokkooyyuu kan hin jirre yoo tahu, guyyaa kaleessaa irraa jalqabee waraanni mootummaa manneen irraa deddeemuun abbootii qabeenyaa fi daldaltoota hidhaa akka jiru odeeyfannoon argame ni ibsa.
Magaalota Godina Harargee Bahaa fi lixaa keessattis mormiin haaluma walfakkaatuun godhamaa jira. Magaalaa Sandaafaattis mormiin lagannaa gabaa geggeefamaa jira. Magaaloota guyyaa har’aa mormiin lagannaa gabaa itti godhamaa jiru jidduu, Daambi doolloo, Calanqoo, Sandaafaa, Jalduu, Awwadaay, Naqamtee, Hirnaa fi magaalonni birootis mormii kana irratti hirmaataa jiraatuu maddeen gabaasaniiru.

Comments