Naannoo Oromiyaa Keessatti Lagannaan Gabaa fi Mormiin Manaa bahuu diduu geggeeffamaa jira.
- NuuralHudaa
- Aug 23, 2017
- 1 min read

Lagannaan gabaa fi mormiin manaa bahuu diduu guutuu Oromiyaatti waamame, ganama hardhaa kan jalqabame tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa. Mormiin karaa nagayaa kun hagayya 17-21 guyyoota shaniif kan turu yoo tahu, kaayyoon isaas dhimmoota gurguddoo sadi irratti kan xiyyeeffate akka ta’e odeeyfannoon argame ni addeessa.
Weerarri liyyuu poolisii naannoo Somaalee aanaalee Oromiyaa irratti godhaa jiruun walqabatee, ajjeechaa fi dararaan ummata Oromoo daangaa irra jiruu kan hammaataa dhufe yoo ta’ellee, mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfiin qabatamaa hanga ammaatti fudhate waan hin jirreef, mormiin kunis mootummaa federaalaatii fi kan naannoolee irratti dhiibbaa umuuf kan karoorfame ta’uun beekkameera.

Qabxiin lammataa Hoggantoota KFO dabalatee, hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gad lakkifaman kan jedhu yoo tahu; qabxiin sadaffaa ammoo Gibirri humnaa ol daldaltoota irraatti fe’ame akka hirdhifamu kan jedhu ta’uun beekkameera.
Gamaa biraatiin ammoo Tartiibni Qubee Afaan Oromoo jijjiiramee ture kan haqame ta’uu, mootummaan naannoo Oromiyaa beeksiseera.
Jijjiramni tartiiba qubee Mormii cimaa biyya biyya keessaa fi biyya alaatti kan kaasee ture yoo tahu, dhiibbaa cimaa hayyootaa fi hawaasa Oromoo guutuun godhameen, mootummaan naannichaatis dhimmichi akka qoratamuuf garee hayyoota afaanii tokko dhaabuun qorataa kan ture yoo tahu, haaluma kanaan bu’aa qorannoo kanaa irratti hundaa’uun Kitaabni haarofni akka sassaabamuu fi kan duraaniitiin barnootni akka itti fufu murtii jedhu dabarseera.
Jijjiirraan qubee kun maallaqa doolaara 95 ol kan dhaabbatni Ameerikaa USAID jedhamu kenneen, fedhii ummataatii fi qorannoo gayaa malee kan raawwatame ta’uun beekkameera.
Murtiin tartiiba qubee bakkatti deebisuu kun injifannoo ummataati jedhameera.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments