top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mormiin lagannaa gabaa fi Manaa bahuu diduu guyyaa lammaffatiif itti fufee jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 24, 2017
  • 1 min read

Mormiin guutuu Oromiyaatti kaleessa jalqabame, guyyaa hardhaa magaalonni hedduun kan kaleessa hin hirmaatin itti dabalamuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

Konkolaataawwan, manneen daldalaa mormii kanarratti hirmaatuu didan irratti ummanni tarkanfii fudhataa jira.

Magaaloonni godina addaa naannawa Finfinnee jiran kan akka Sabbataa fi Alamganaa, akkasumas magaalonni birootis mormii guyyaa lammaffaa geggeessaa jiraatuun beekameera.

Harargee bahaa magaalaa Haramaayaatti guyyaan kamisaa guyya gabaan horii itti dhaabbatu yoo tahu, lagannaa gabaa kanaan walqabatee guyyaa hardhaa horiin tokko kan hin dhufin tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Magaalaan Awwadaay mormii kana irratti kan hirmaataa jirtu yoo tahu, guyyaa kaleessaa irraa jalqabee daldallii kan dhaabbate tahuun beekameera.

Mormiin kun haaluma walfakkaatuun godinaalee Oromiyaa kan akka Arsii, jimmaa, Wallagaa fi Shawaa keessattis cimee itti fufuu gabaasni argame ni addeessa.


Gama biraatiin ammo mootummaan biyyatti mormii ummataatiin muddama cimaa keessa kan jiru yootahu, ammaas deebii ummataa qajeellotti deebisaa kennuu osoo hin ta’in, akkuma barame dubbii dharaa hafarsuu jalqabeera. Haaluma kanaan maallaqa doolaara kuma 581 fi birrii kuma 10 harargee bahaa keessatti qabne jechuun isaa gabaafameera.

Mormiin karaa nagayaatiin naannoo oromiyaatti godhamaa jiru kun, guyyoota shaniif kan karoorfame ta’uun ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page