Mormii lagannaa gabaa godhamee ture waliin walqabatee namoonni hidhamaa jiraatuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Aug 27, 2017
- 1 min read

Mormii lagannaa gabaa guyyaa sadiif godhamee turen walqabatee, Aanaalee adda addaa keessatti namoonni hidhamaa jiratuun beekame . Erga mormiin xumuramuu labsamee asitti qondaaltonni aanaalee namoota guyyoota mormii lagannaa irratti hirmaatanii turan jedhaniin, hidhaa fi doorsisaa jiraatuu gabaasni arganne ni mulisa.
Godina Harargee dhihaa keessatti hidhaan kan hammaate yoo tahu, Aanaa Xuulloo keessatti itti gaafatamaan Nageenya araddaa Obbo Aliyyii Jibriil nama Falmataa Shonkor jedhamuu fi obboleessa isaa, humna kora bittaneessaa waliin qabuun kan hidhan tahuun beekkameera.
Araddaa Tarkaanfataa jedhamu irraayis namni Sufiyaa Jamaal Usoo jedhamu, waajjira poolisii Aanaa Xuulloo keessatti kan hidhame tahuu gabaasni nu dhaqabbe ni mul’isa.
Footoon kun kan Falmataa Shonkor kan yeroo ammaa mana hidhaa aanaa Xuullootti argamutti.
______ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments