top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mormiin gibira irratti godhamu magaalota Oromiyaa keessatti cimee itti fufee jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jul 17, 2017
  • 1 min read

Ummanni magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti gibira humna oli mootummaan daldaltoota irratti fe'e ilaalchisee mormii cimaa geggeessaa jiraatuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Yeroo ammaa kana ummanni daandiiwwan magaalota walqunnamsiisan fi manneen daldalaa cufuudhaan mormii isaa kan geggeessaa jiru tahuun beekameera.

Magaalota mormiin itti godhamaa jiru keessaa, Godina Shawaa lixaa aanaa dirree Incinnii kessatti sochiin daldalaa tokkoyyuu godhamaa hin jiru; magaalaa Gudarittis haluuma walfakkaatuun sochiin tokkolle kan hinjirre tahuun beekameera. Magaalaa Ambootti ummanni dukkaana cufuun akkasumas geejjiba hunda dhaabuun dhiibbaa godha jiru; Walisooti ummanni manneen daldalaa fi manneen jireenyaa mara cufuun daldaltoota afoo dhaabbatee jira; Harargee bahaa aanaa Gola Odaa akkasumas godina Boraanaa magaalaa Bulee Horaattis mormiin cimaan kan godhame fi akkasumas ummataf waraana mootummaa jiddutti waldhabbii uumameen midhaan kan dhaqqabe tahuu maddeen naannawa irraa gabaasaniiru.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page