top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Keenyaa Qabxii Filannoo Prezadantummaa biyyattii  kuffise

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 1, 2017
  • 1 min read

Ummanni Keenyaa August 8/2017 filannoo pirezadantii biyyatti kan rawwate yoo tahu, Komishiiniin filannoo biyyattii Uhuruu keeniyaataa hinjifatuu labsee ture. Haata’u malee waldorgomaa isaatii fi hoogannaa partii mormituu kan ta’e Rayilaa Odiingaa, Adeemisi filannoo sirrii hinturre jechuun qabxii isaa kan hin fudhanne ta’uu beeksisee ture. Haaluma kanaan iyyannoo isaa gara mana murtii ol’aanaa biyyattii kan geese yoo tahu, manni murtii ol’aanaa Keeniyaatis, dhimmicha erga qoratee booda Juma’aa har’aa qabxiin filannoo sun sirrii miti jechuun kuffise. Akka ibsi mana murtii Ol’aanaa irraa baye mul’isutti, adeemsi filannoo adeemsaa seeraa kan hin eeggatinii fi bu’aan filannootis adeemsa seeraatii fi hanqina rawwii kan qabu jedhe. Walumaa galatti bu’aa filannoo Keenyaa bara 2017 manni murtii Kuffisuu isaa ibsuun, guyyaa 60 keessatti filannoon biraa irra deebi’uudhaan akka raawwatamu ajaje.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page