Keeniyaan Seera Feestaala/Niikkaa fayyadamuu dhoorku labsite.
- NuuralHudaa
- Aug 31, 2017
- 1 min read

Seerri kuni hujii irraa kan oole Isniina galgalaa kaasee yoo tahu, kanaan booda Feestaala/Niikkaa biyyattii keessatti oomishuus ta’ee fayyadamuun dhorkaadha. Namni seera kana cabsee argame adabbii Doolaara Ameerikaa 38,000 ykn hidhaa waggaa 4’n akka adabamu seera kanaan labsameera. Labsiin kun qulqullina naannoo kan fooyyessu tahus, akka Waldaan Omishtoota Keeniyaa jedhutti namoonni 80,000 ol hujiin ala ta’u.
Gabaasni Mootummootaa Gamtoomanii akka jedhutti, lammiileen Keeniyaa ji’atti qalqala Feestaala/Niikkaa miiliyoona 24 ol fayyadamu. Kunis keessumattuu magaalaan guddittiin biyyattii Naayiroobiin, balfa Feestaala/Niikkaaatiin akka faalamtu kan godhe yoo tahu, qulqullina foon nyaataa magaalaa Naayiroobii kan miidhaa jiru tahuus gabaasni BBC ni mul’isa.
Gabaasni Qeeraa biyyattii keessa jiran irraa argame akka mul’isutti, garaacha horii qalmaaf dhiyaatanii keessatti feestaalli baay’inaan mulataa jira. Kunis namoota foon bitanii nyaatan miidhuu danda’a.
Keeniyaan kanan duras seera akkanaa kan baastee turte yoo tahu, iyyannoo Waldaa Omishtoota keeniyaatiin manni murtii kuffisee ture. biyyattiin labsii marsaa kanaatiin milkooftee yoo hojiirra oolchite, Baha Afriikaa keessaa fayyadama Feestaala/Niikkaaa dhorkuun Ruwaandaa fi Eertiraatti aantee biyya sadaffaa taati.
Comentários