Search
Konfaransiin Idil-Addunyaa Islaamaa Biyya Keeniyaa Magaalaa Naayroobiitti gaggeeffamuuf deema.
- NuuralHudaa
- Apr 14, 2017
- 1 min read

Konfaransiin maqaa “Journey Of Faith -Africa” jedhamuun beekkamu yeroo Afraffaaf Keeniyaa Magaalaa Naayiroobii jiddu-gala konfaransii Keeniyaa (KCC) jedhamutti akka adeemsifamu, qopheessitoonni koonfiransichaa himaniiru.
Konforansiin kun kan adeemsifamu Ebla 15-16 guyyota lamaaf akka ta’e waamicha qopheessitoonni godhan irraa hubachuun danda’ame jira.
Mata dureen kora baranaa “Path to Jannah” kan jedhu yoo ta’u, Du’aatonni bekkamoon addunyaa kan akka Yuusuf iistas, Boonaa Mahaammad, Aasim Al Hakiim fi kanneen birootis kan argaman tahuu beekameera.
Comments