top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qatar seera mirga hojjatoota biyya alaa eegsisa jette baasuu beeksifte.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 24, 2017
  • 1 min read

Qatar seera mirga hojjattoota biyya alaa eegsisu kan raggaasifte ta’uun gabaafame. Qatar hanga ammaatti seera akkana kan hin qabne yoo taatu, hojjattoota biyyoota biraa yeroo rakkoon isaan mudatu ittisni seeraa waan hin turiniif, miidhaan gara garaa kan hojjattoota mudataa ture akka ta’e ni beekama.

Seerri ammaa kun hojjataan kamiyyuu waliigaltee isaa too’achuu irratti mirga cimaa kennaaf jedhama. Mirga kanniin keessaa hojjattoonni akka Shofeerotaa, namoonni biqiltoota kunuunsan , namoota daa’imman kunuunsanii fi kanneen birootis guyatti sa’a 10 caalaa hojjachuuf hin dirqaman; torbaanitti guyyaa 6 qofa akka hojjatanii fi guyyoota Ayyaanaatis akka hin hojjanne kan daangessu ta’uun gabaafameera.

Kana malees hojjataan tokko dhukkubsatee ragaa haakimaa yoo qabaate mindaan kan kaffalamuuf yoo tahu, sa’aatii nyaataa fi kan yeroo dirqama amantaa isaanii itti raawwatan kan hayyamamuuf ta’uun ibsameera.

Hojjattoota waliigaltee isaanii irratti hundaa'uun tajaajila isaanii xumuran, tokkoon tokkoo waggaa tajaajila itti kennaniif, mindaa isaaniitiin alatti kaffaltii torbee sadii shallagamee kan kennamuuf tahuu ibsameera.

Seera kana Amiirri Qatar Shekh Tamiim bin Hammad Al Saani guyyaa wixataa kan mallatteesse yoo tahu, hojjattoota biyyota alaa Qatar keessa jiraatan mirga isaanii eegsisuuf ni fayyada jedhamee tilmaamama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page