top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qatar gargaarsa Hamaasiifi Ikhwanal Muslimiiniifi gootu akka dhaabuu qabdu Sa’udiin beeksiste Odeeyf

  • Nuural Hudaa
  • Jun 7, 2017
  • 2 min read

Guyyaa wiixataa irraa jalqabee biyyoonni galoo galaan Arabiyaa keessatti argaman walitti dhufeenya Qatar waliin qaban addaan kutuun isaanii ni beekama. Sa’ud Arabiyaan, Bahreen, UAE, Masrii fi Yaman guyyaa wiixataa firooma Qatar waliin qaban dhaabuu isaanii beekisanii jiran. Sababni isaatis Qatar nageenya biyya keenyaatiif yaaddoo taatee jirti, akkasumas diinota keenya akka Iiraanii fi Housii wajjiin hidhata qabdi kan jedhu ta’uu isaa beeksisanii jiran. Haa ta’u malee Qatar dhimmi kun kijiba ta’uu isaafii ragaan takkallee kan hin jirre ta’uu beeksistee jirti. Biyyoonni Arabaa kunniin daangaa biyya isaanii, kan lafaa, kan qilleensaa fi kan bishaan irraa, kan Qatar waliin isaan daangeessu cufanii jiru. Qondaaltonni Siyaasaa biyyoota isaanii keessa jiran guyyoota lamaa haga torbaan lamaa keessatti bahanii gara biyya isaanii akka deebi’anii fi kan isaaniitis akka deebi’an beeksisanii jiran. Adeemsi daldalaa biyyoota kanniin jiddutti godhamus guutumaan guututti dhaabbatee jira. Xayyaarri Qatar irraa kahee gara biyyoota sanii imalu fi biyyoota sanniin irraa gara Qatar imalus addaan citee jira

Guyyaa Kiibxataa ammoo hoogganaan Kuweet rakkina uumame furuuf jecha gara Sa’ud Arabiyaa imaluun isaa gabaafamee jira. Bu’aan argame garuu hin ibsamne. Ministeerri dhimma Alaa Sa’udii Adil Al Jubeeyr “Qatar nagaya buusuu yoo barbaadde, dura gargaarsa Hamaasiifi Ikhwaanal Muslimiif gootuu dhaabuu qabdi” jedhe. Tarkaanfii itti aanu san booda haasofna jechuun gaazexeessitootaaf hime. Akka ibsa Adil Al Jubeeyritti Hamaas mootummaan Falasxiin irratti dhiibbaa godhuudhaan nagaya baha jiddu galeessaa irratti danqa ta’ee jira. Ikhwaanal Musliimis naannoo baha jiddu galeessaatti jeequmsa uumameef itti gaafatamaadha jedhe.

Hamaas murtee Sa’ud Arabiyaatti rifatuu isaa beeksisee jira. Waan kana duubaan harki Israa’el kan jiru ta’uu isaa ibsee, Israa’el ummata Falasxiinii fi Gaazaa irratti tarkaanfii fudhattuuf akka mijaahuuf jecha shira kana xaxxe jechuun ibse.

Kun osoo kanaan jiru Afriikaa keessaallee biyyi Mowritaaniyaa walitti dhufeenya Qatar waliin qabdu addaan kutuu isii beeksistee jirti. Ummanni Mooritaaniyaa garuu tarkaanfii mootummaan isaanii fudhate mormuun Eembaasii Qatar duratti hiriira bahuun gargaarsa mootummaa Qatariif qaban ibsanii jiru.

Haga ammaatti biyyoonni Walitti dhufeenya Qatar waliin qaban addaan kutan, Saud Arabiyaa, Bahreen, UAE, Yaman, Masr, Liibiyaa, Maaldives, Mowritaaniyaa, Morokoo fi Urduun yoo ta’an, Biyyoota galoo galaana Arabiyaa keessatti argaman keessaa kan hanga ammaa walitti dhufeenya Qatar waliin adda hin kunne Oomaanii fi Kuweet qofa. Awurooppaa keessaa ammoo Prezidaantiin Turkiyaa Rejeb Xayib Erdogaan waan danda’u hundaan Qatar cinaa kan dhaabbatu ta’uu isaa ibsee jira.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page