top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qatar Boba'aa Emireetsiif kennitu kan irraa hin kutne tahuu ibsite.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jun 19, 2017
  • 1 min read

Emireets, biyyoota galoo galaana Arabiyaa hariiroo Qatar waliin qaban addaan kutan jidduu tokko yoo taatu, Qatar gama isiitiin boba'aa (gaazii) Emireetsiif keennitu kan irraa hin dhaabne tahuu ibsite.

Qondaala Petrooliyeemii Qatar kan tahe Sa'ad Al-ka’ab

"Qoqqobbiin biyyoonni galoo galaana Arabiyaa nurra kaahan akka nuti boba’aa isaaniif kenninu irraa dhaabnu nu dirqisiisa, haata’u malee yoo nuti Boba’aa kana irraa kunne Emireetsii fi Ummanni isiitis rakkoo guddaaf saaxilamu; nuti immoo obboleewwan keenya miidhuuf fedhii hin qabnu” jechuun Aljaziiratti dubbate.

Qatar ujummoo boba'aa Doolfiin jedhamu kan kaaba biyyaatii qaxxamuruun Emireetsii fi Oman walqunaamsiisu irraa kan kuttu yoo tahe, biyyattiin rakkoo cimaaf saaxilamuu dandeessi jedhamera.

Qatar ujummoo Doolfiin jedhamu kanaan, boba'aa Meetir Kiyuubii biliyoona 2 ol Emireetsiif kan kennitu tahuus odeeyfannoon kun ni addeessa. Gama biraatiin ammoo, Bahreen loltoonni Qatar kan biyya isii keessatti argaman, akka biyya isii lakkisaanii bahan akeekkachiistee jirti.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page