top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa Sababa taayitaa Afyaa’ummaa gadidhiiseef ibse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 14, 2017
  • 1 min read

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa Sababa taayitaa Afyaa’ummaa gadidhiiseef ibse.

____

Odeeyfannoo

October 14/2017



Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa sababni taatyitaa Afyaa’umma gadilakkiseef, ummatni kiyyaa fi dhaabni kiyyaa yeroo kabajaa dhabetti taayitaa guddaa bu’aa hinqabne baadhadhee taa’uun gatii waan hinqabneef kan gadlakkise ta’uu ibse. Abbaan Duulaa ibsa televiziyyona OBN kenneen akka jedhetti, gaaffii taayitaa gadidhiisuu Dhaabbatni isaa guututti kan deeggare akka ta’eefi muummichi ministera biyyattiss gaafiin isaa sirrii akka ta’e amanuun deebii kennuuf waada kan galeef ta’uu ibse.


Obbo Abbaan Duulaa kabajaa ummataafi dhaaba isaatiin malu fiduudhaaf, gara naannootti deebi’uun kan hojjatu ta’uu ibse. Tokkommaa ummanni Oromoo yeroo ammaa mul’ise kana warri jibban, diiguudhaaf halkanii guyyaa hojjataa jiru jedhe. Miira tokkummaa ummata keenya keessatti uumame kana olguddisuudhaan, kabajaa fi itti fayyadama bu’aa diinagdee ummata keennaa ittiin mirkaneessuu qabna jedhe.


Abbaan Duulaa jalqaba torbaan dabree keessa taayitaa Afyaa’ummaa gadlakkisuu isaa beeksise.

_

  • Application NuuralHudaa download godhuuf

  • Android https://goo.gl/Ieo7dv

  • iPhone https://goo.gl/y7n0In

  • iPad https://goo.gl/Yf9a8x

  • NuuralHudaa

  • https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/

  • https://twitter.com/NuuralHudaa

  • www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page