top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Emarsan Munangaagwaa Prezdantii Zimbaabwee godhamee muudame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 24, 2017
  • 1 min read

Emersan Munangaagwaa guyyaa har’aa November 24, 2017 Magaalaa gudditti Zimbaabwee Haraaree keessatti, Kitaaba itti amanu qabatee biyya isaatiif kakatee aangoo fudhate.

Mr Munangaagwaan ji'a dabre keessa Prezdantii duraaniitiin taayitaa irraa eega ari'amee booda gara Afrikaa Kibbaa baqatee kan ture yoo tahu, waraanni biyyattii jidduu seenee Roobart Mugaabeen taayitaa akka gad lakkisu gaafatuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan Paartiin biyya bulchaa jiru Zaanu-PF Robert Mugaabee buusuudhaan, Munangaagwaa hoogganaa paartichaa gochuun filate. Kanuma hordofuun Munangaagwaaan Roobii dheengaddaa gara Zimbaabwe eega deebi'ee booda guyyaa har’aa taayitaa Prazdaantummaa fudhatee jira.

Roobart Mugaabeen Ajaja Waraana biyyattii fudhatee karaa nagayaatiin taaytaa waan gad lakkiseef, Maatii isaa wajjiin nagayaan akka Zimbaabwee keessa jiraatu hayyama kan argate tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page