top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Awwadayitti Poolisoonni Oromiyaa fi Federaalaa waldhabuun beekkame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 14, 2017
  • 1 min read

Odeeyfannoo

October 14/2017

__

Guyyaa hardhaa magaalaa Awwadayitti Poolisoonni Oromiyaa fi Federaalaa waldhabuun beekkame.



Ajjeechaa Liyyuu Poolisiin naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa seenun ummata irratti raawwataa turan hordofuun, ummanni kudraa fi Jimaan Awwadaay gara magaalaa Jigjigaatti akka hin fe'amne dhorkuun ni yaadatama.


Guyyaa hardhaa poolisoonni Federaalaa daldaltoota jimaatiin Isiiniif dabarsina jechuun qarshii 10,000 fudhatuun yeroo keellaa magaalaa Awwaday gahan, poolisoonni Oromiyaa immoo Jimaan gara Jijjigaa hin geeffamu jechuun dhorkan. yeroo kanatti waldhabbi kaheen qawwee waliitti kan deeffatan yoo tahu, ummanni jidduu seenuun kan adda baase tahuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.


Poolisoonni Federaalaa ummata irraa nama tokko uleen dhahanii buruysuu fi poolisoonni Oromiyaa ummata nagayaa tumuu kan hin dhiisne yoo tahe, magaalaa akka lakkistanii baatan jechuun kan akeekachiisani tahuu jiraatan naannawa sanii nuuf hime.

  • _

  • Application NuuralHudaa download godhuuf

  • Android https://goo.gl/Ieo7dv

  • iPhone https://goo.gl/y7n0In

  • iPad https://goo.gl/Yf9a8x

  • NuuralHudaa

  • https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/

  • https://twitter.com/NuuralHudaa

  • www.nuuralhudaa.com



Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page