top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Federaalaa Wal-dhabbii Naannoo Oromiyaa fi Somaalee jiddutti ka'een walqabatee shakka

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 26, 2017
  • 1 min read

Ministera Dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa kan tahe Doktor Nagarii Leencoo ibsa guyyaa har'aa Sadaasa 16/2010 gaazexessitotaaf kenne irratti, waldhabbii Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee jiddutti kahen walqabatee, namoonni 103 kanneen walitti bu'iinsa uumame harka keessaa qabu jechuun Shakkaman to’annaa jala oolani jiru jedhe.

Namoota to’annaa jala oolan jidduu 98 naannoo Oromiyaa irraa yoo tahu, namoonni 54 humna tika nagayaa Oromiyaatiin kan qabaman akka ta'ee fi kan hafan immoo waraana Federaalaatiin kan qabaman tahuu ibse.

Mootummaa naannoo Somaalee irraa namoonni waldhabbii kana keessaa harka qabu jedhamanii shakkaman 29 qofa yoo tahan, isaan jidduu kan to’annaa jala oolani immoo 5 qofa tahuulleen gabaafameera.

Minnisteeriichi akka jedhetti waldhabbiin daangaa naannoo lamaan jiddutti kahe hangi tokko dhaabbateera jedhe.

Hata'uu malee Biiroon dhimmoota Komunikeeshiinii naannoo Oromiyaa immoo guyyaa kaleessaa qofa, weerara Liyyuu Poolisiin naannoo Somaalee godina Booranaa keessatti geggeessiteen namoonni 13 ajjeefamu fi 24 ammoo madaahuu ibse.

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page