Hawaasni muslimaa godina Jimmaa Lammiilee Oromoo Naannoo Somaalee irraa buqqa'aniif deeggarsa go
- NuuralHudaa
- Nov 25, 2017
- 1 min read

Hawaasni muslimaa godina Jimmaa fi naannawa isii jiraatan, mataduree Nageenyaa fi misooma jedhuun kamisa darbe konfiransii qopheessuu isiiniif gabaasnee turre. Konfiransiin kun guyyaa kaleessaatis kan itti fufe yoo tahu, hawaasni muslimaa godina Jimmaa sagantaa guyyaa kaleessaa November 24/2017 galma waldaa misooma Oromiyaatti geggeeffame irratti, lammiilee Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqa'aniif deeggarsa birrii miliyoona tokko gumachuun, birrii miliyoona lama immoo yeroo biraa kennuuf wadaa galuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Sagantaa kana irratti Ulamaa'onni godina Jimmaa keessa jiran, Ustaazonni iddoo biraa irraa dhufanii fi angawoonni mootummaa kan Irratti argaman tahuus maddeen gabaasaaniiru. Dhuma irrattis lammiilee Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqifamanii Kaampii adda addaatti argamanis qaaman deemanii ilaaluuf karoora qabatu ibsan.

ความคิดเห็น