top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Israa'eel Baqattoota Afrikaa Ari'uuf Karoorsite.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 21, 2017
  • 1 min read

Karoorri Ministeera dhimmaa biyyaa keessaatii fi dhimma tasgabbii Isra'eel baase akka ibsutti, mootummaan Israa’el baqattoota lammiilee Afrikaa gara Ugaandaa fi Ruwaandaatti erguuf qophii xumuruu beeksise. Baqattoota kanniin keessa 27,000 lammilee Ertiraa yoo tahan 8,000 ammoo lammilee Suudaan akka ta'an gabaasni kun ni mul'isa. baqattoonni lammiilee Itoophiyaa fi kanneen biyyoota Afrikaa birootis kan keessatti argaman akka ta'es gabaafameera.

Akka Ejensiin baqattootaa (UNHCR) jedhutti , Isra'eel karoora isiitiin baqattoota gara biyya sadaffatti deebi'uuf fedhii hin qabne hidhuuf akka qophoofte ibsuun, Isra'eel baqattoota fi namoota balaaf saaxilaman balaa irraa baraaruu dirqama seera addunyaa qabdi jedhe.

Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page