top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Ol'aanaa Keeniyaa Injifannoo Prezdaant Uhuuruu Keeniyaataa Raggaasise

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 20, 2017
  • 1 min read

Filannoo Prezdaantii Keeniyaa October 26 irraa deebiin geggeeffamee ture, Uhuruu Keenyaataa injifatuu Komishiiniin Filannoo biyyattii labsee ture. Haata'u malee paartiin mormituu biyyattii qabxii filannoo sanii mormuudhaan yeroo lammaffatiif komii mana murtii ol'aanaa biyyattiitti dhiheeffate.

Guyyaa hardhaa manni murtii ol'aanaa Keeniyaa Komii Paartiin mormituu, NASA irraa dhiyaate eega ilaalee booda, filannoo prezdaantummaa irra deebiin geggeeffamee ture, injifannoo Uhuuruu Keeniyaataa kan Komishiiniin Filannoo labse raggaasisee jira.

Prezdaant Uhuuru Keeniyaataa torbaan dhufu keessa ifatti sirna kakuu ni raawwata jedhamee eeggama.

Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page