top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaabbanni Basaasa Israa'eel ogeessa Xayyaara Droonii jalaa ajjeesuu gareen Haamaas Beeksise.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 16, 2017
  • 1 min read

Hamaas ibsa Khamiisa har'aa Tuuta Gaazexeessitootaatiif kenneen, Ogeessa Xayyaara Droonii isaa Kan ture Muhaammad Zawahri, Dhaabbata Basaasa Isra'eeliin kan ajjeefame tahuu beeksise. Qondaalli waajjira Siyaasaa Hamaas Muhaammad Nazzaal ibsa Magaalaa Beeyiruut keessatti kenneen, Ogeessa droonii Hamaas kana dhaabbanni basaasa Isra'eel, Mosaad, hordofaa kan ture tahuu hubanneerra jedhe. Ibsi Hamaas akka mul'isutti, namni Paasipoortii Boosniyaa qabate tokko, ogeessa kana Tuniiziyaa keessatti December 2016 osoo hin ajjeesiniin dura, ji'a afuriif hordofaa kan ture tahuu qorannoon adeemsifame kan mul'ise tahuu beeksise. Muhammad bara dabre Lubnaan magaalaa Beeyiruut irraa gara Tuniiziyaa maatii ziyaaruuf yeroo deemetti rasaasaan rukutamuudhaan kan ajjeefame. Muhaammad Zawaaharii lammii Tuniiziyaa yoo tahu, osoo gara Hamaas hin makaminiin dura Tuniiziyaa keessatti Paayileetii akka turee fi erga gara Hamaas makamee booda Xayyaara droonii jedhamtu tan Paayileetii maleebalaliituu, Beeyruut keessatti Hamaasiif oomishaa akka ture gabaasni arganne ni mul'isa.

Opmerkingen


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page