top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Lakkoofsi Namoota Balaa kirkira lafaa dangaa Iiraanii fi Iraaqitti muudateen du'anii 540 gahe.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 14, 2017
  • 1 min read

Kirkira lafaa magniituudii 7.3 shallagame kan Alhada dabre naannoolee daangaa Iraanii fi Iraaqi rukuteen, hanga ammaatti lubbuu namoota 540 kan galaafate yoo tahu,namoonni 8000 oli immoo midhamaniiru. Nannichatti manneen 30,000 ta'an kan caccabanii fi gandoonni lama barbadaa'aniiru.

Namoonni lubbuun isaanii darbe irra caalaan lammiilee Iiraan yoo tahan, gama Iiraaq irraa namoonni 7 du’uuf namoonni 325 tahan immoo kan miidhaman tahuu qondaaltonni Iraaq ibsan.

Kirkirri lafaa kun magaalaa Saarpol-e Zahaab, kutaa Kermaanshaah keessatti balaa guddaa dhaqqabsiise.

Prezdaantiin Iiraan Hasan Ruhaanii naannawa balaan kun itti uumametti argamuun" mootummaan yeroo gabaabaa keessatti humna qabu hundatti fayyaadamun, rakkoo jiru maraaf furmaata kan kaahu tahuu wadaa gala" jedhe. Ka’uumsi hoollannaa kanaa kaaba-baha Iraaq tahus, midhaan guddaan kan dhaqqabe daangaa Iiraan keessatti.

Balaan kirkira lafaa waggaa kana keessa mudatee hunda caalaa kan balaa guddaa dhaqabsiise tahuus gabaasni arganne ni mul’isa.

Opmerkingen


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page