top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sa'udiin "Lubnaan Waraana nurratti labasaa jirti" jechuun yakkite.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 7, 2017
  • 1 min read

Ministeera dhimma biyyoota galoo galaana Arabiyaa kan ta'e Tamiir al-Sabhan akka jedhetti :"Sababa amala diinummaa Hizbollah irraa kan ka'e, Lubnaan kana booda akka biyya waraana nurratti labsiteetti ilaalla" jedhe.

Sa'udiin himanna kana kan bante Muummichi minsteera Lubnaan Sa'aad Hariiri, eega gara Riyaad dhufuun taayitaa gad lakkisuu isaa labsee booda. Himannaan kun Mootummaan Lubnaan kan rakkina Siyaasaa keessa gale, daranuu hammeessuudhaan biyyattii rakkina hamaa keessa kan galchu akka ta'e gabaasni Aljaziiraa ni mul'isa.

Al-Sabhan yaada isaa itti fufuudhaan akka jedhetti "Mootummaan Lubnaan Sa'udii fi garee shororkeessa Hizbollah jidduu tokko filachuu qaba" jedhe. Mootummaan Lubnaan dhimma kanarratti hanga ammaa yaada isaa kan hinkennin tahuu gabaasni kun ni mul'isa. Gama biraatiin ammoo Muummichi ministeera Lubnaan kan ture Sa'aad Hariiri guyyaa hardhaa gara Abudhabi imaluun, Ministeera Ittisa U.A.E. Shekh Muhammad Bin Ziyaad waliin eega mar'iatee booda gara Riyaad deebi'uu isaa gabaasni arganne ni mul'isa.


Kommentit


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page