top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Hidhattoonni Huusii Misaayila Baalastikii gara Sa'udii dhukaasan.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 4, 2017
  • 1 min read

Hidhattoonni Husii Misaa'ila fegeenya dheeraa furguuggeffamu gara magaalaa guddoo Sa'udii kan tate Riyaaditti dhukaasuu beeksiisan. Misaayilli loltoonni husii darbatan kun Buufata Xiyyaaraa magaalaa Riyaad keessatti argamu cinatti kan kufe tahuu gabaasni arganne ni mul'isa.

Dubbi himaan hidhattoota Husii Aljaziiraaf akka himetti: Misaa'ila Burkan-H jedhamu kan fageenya kilomeetra 800 ol furguuggeffamu, Yaman irraa gara Sa'udiitti dhukaasuu hime. Itti dabaluudhaanis, misaayilli gara magaalaa Riyaad darbatan osoo hin kufiniin dura, fageenya kilomeetira 500 ol kan deeme ta'uu hime. Ministeerri Ittisa Sa'udii misaa'ila Yaman irraa gara biyya isaanii dhukaafame qilleensa irratti fashaleessuu beeksise.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page